Daandiin Xiyyaara Itiyoophiyaa gara Turki Istaanbulitti balali’uu eegale

151

Finfinnee Bitootessa 24/2011 Daandiin xiyyaaricha balali’uu eegaluu ilaalchisee sangataa qopheesse kaleessa galgala adeemsiseera.

Kaleessa halkan keessaa sa’a 5 fi daqiiqaa 5 irratti imaltoota qabatee buufata xiyyaaraa Boolee Idil addunyaarraa ka’ee halkan keessaa sa’a 10 fi daqiiqaa 30 irratti Turki magaalaa Istaanbul ga’eera.

Pirezidaantiin mana maree waliigalaa dhimmoota Islaamaa sheeh Mahaammad Amiin Jamaal Umar, bakka bu’aa mana maree waliigalaa dhimmoota Islaamaa durfamaa Muftii Haajii Umar Idiriisii fi hooggantoonni daandii xiyyaarichaa balali’uu kanaan gara Istanbulitti sokkaniiru.

Daandiin xiyyaaraa kun gara Turki Istaanbulitti balala’insa kallattii kan inni godhu torbanitti guyyaa sadii Wiixata, Roobii fi Jimaata ta’uunsaa beekameera.

Hoji gaggeessaa olaanaan daandii xiyyaaraa Itiyoophiyaa obbo Tawaldee Gabramaariyaam yeroo kana akka dubbatanitti daandiin xiyyaarichaa gara Istaanbulitti balali’uu  jalqabuun isaa walitti dhufeenya aadaa biyyoota lamaanii ture, daldala, invastimantii fi Turiizimii jabeessa.

Daandiin kun Afriikaatti qaqqabinsa qabuun yoo ilaalamu maamiltoota isaaf tajaajila si’ataa kennurraan kan ka’e faayidaa balala’iuu kallattii qabuufi jechuun ibsan.

Xiyyaarichi Istaanbulii ka’ee gara Finfinneetti balalii yeroo taasisutti tajaajila walfakkaataa imaltootaaf akka kennu dubbataniiru.

Balali’uun gara Istaanbulitti eegalame kun Afriikaa Awurooppaa waliin wal quunnamsiisuun imaltoota daandii xiyyaarichaaf filannoo walquunnamtii biraas ni ta’a jedhan.

 Balali’uu dabalatee daandiin xiyyaara Itiyoophiyaa fi Turkii walii galtee waljijjiirraa karaa qabaniin Istaanbulirraa gara bakka birootti imaltoonni fufan daandii xiyyaara Turkii waliin walgargaaruun akka keessummeeffamanidha obbo Tawaldeen kan hubachiisan.

Yeroo itti aanutti gara Istaanbulitti torbanitti yeroo sadii balaliinsa godhu gara guyyoota torbaatti hojiin ol guddisuuf dandeessisu akka hojjetamu eeraniiru.

Daandiin Xiyyaara Itiyoophiyaa fi Turkii waldaa daandii Xiyyaarotaa ta’anii miseensa Istaar Aliyaansii akka ta’anii fi balaliinsi jalqabame daandii xiyyaarota lamaanii gidduutti gargaarsa jiru cimsa.

Daandiin Xiyuyaaraa kun yeroo itti aanutti gara Hiwusten Teeksaasii fi Paariis dabalataan karaa biraa magaalaa Faransaayi Maarseyi balali’uu eegaluuf karoora qabataniiru.

Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Turkii mis Yapiraki Alpi gama isaaniitiin balaliinsi kallattii jalqabamuun ummattoota biyyoota lamaanii gidduutti walitti dhufeenya jiru cimsa jedhan.

Balaliinsi kallattii kun biyyoota lamaan gidduutti daldala agarsiisaafi baazaarotarratti lakkoofsi lammiilee biyyoota lamaanii hirmaatan dabaluuf murteessaa akka ta’e dubbataniiru.

Turkiin biyyoota Afriikaa jiran keessaa Itiyoophiyaan deeggartuu tarsiimoo olaanaa akka taatee fi biyyoota lamaan gidduutti walitti dhufeenya daldalaa fi invastimantii jiru caalaatti cimsuuf mootummaan Turkii gargaarsa barbaachisaa ta’e ni godha jedhaniiru.

Turtii Ambaasaaddarummaa isaaniittis walgargaarsa biyyoota lamaanii sadarkaa fooyya’aarraan ga’uuf akka hojjetan eeran.

Gara Istaanbulitti balaliinsa kallattii kan eegale daandiin xayyaaraa kun waliigalatti qaqqabinsa Awurooppaatti jiru gara 19 ol kan guddise yoo ta’u sadarkaa idil addunyaatti qaqqabinsa balaliinsaa jirus gara 120 ol akka siqu taasiseera.

Dabalataan dandiin xyyaaraa kun Istaanbuliin dabalatee gara biyyoota Awurooppaatti torbanitti yeroo 57 kan balali’u ta’a.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015