Hambaaleen hatamanii Itoophiyaa keessaa bahanii turan 13 deebifaman.

81

Sadaasa, 11/2014 (TOI) - Maqidalaadha kanaan dura hatamanii hambaalee fudhatamii turan deebifaman.

Hambaaleen kun akka Itoophiyaaf deebifamanii kennamaniif yaalii hedduun taasifamaa turuusaa Ministirri Turizimii Ambaasaaddar Naasisee Caalii himaniiru.

Hambaalee deebifaman keessaa, Fannoo harkaa, 'Zawudii', Kitaaba Kadhannaa, Meeshalee Ittiin dhuganfi meeshalee tajaajila Amantaaf oolan biroon keessatti argamu.

Hambaalee kana deebisuu keessatti Imbaasii Itoophiyaa Ingilizitti argamu, Itoophiyaanoota Ingiliz jiraatan, akkasuma Koreen hambaalee deebisuu gahee guddaa bahaaniiru jedhameera.

Hambaaleen kun haala gaariin eegamanii daawwannaaf akka oolan taasisuun cinaatti qorannoo fi qo'annoo adda addaaf fayidaa guddaa qabu jedhameera.

  • Naannoo kee eegi!

_ Gara adda waraanaatti duuli!

_ Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggari!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015