Maallaqa Kiraa manneen hojii Federaalaaf ba'u Birrii biiliyoona 1 ol hambisuuf hojjetamaa jira jedhame

61

Finfinnee, Sadaasa 4, 2014 (TOI) - Mootummaan Maallaqa Kiraa manneen hojii Federaalaaf waggaan baasuu Birrii biiliyoona ol hambisuuf proojektoonni bocamanii hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Magaalaa fi Bu'uuraalee Misoomaa beeksiise.

Manneen hojii hedduun Biiroo mataa isaa dhabuurraa kan ka'e tajaajila si'ataa fi qaqqabamaa laachurraatti rakkoo uumuu himameera.

Qabeenyi hedduun biyyattii bu'uuraalee misoomaaf ooluu qaban Kiraa manaaf baasii ta'uu isaaniin guddina biyyattiirratti gufuu ta'aa jiraachuu Ministeerichi ibseera.

Rakkoo kana furuuf mootummaan Federaalaa gamoowwan ijaaruuf proojektoota ammayyaa sadarkaa isaanii eeggatan yeroo kaa'ameef keessatti xumuruuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera. Hanga ammaattis gamoowwan hedduun hojjetamuun manneen hojii federaalaaf tajaajila laachuu eegaluu isaanii ibsameera. Gamoowwan hedduun ammoo ijaarsaarra jiraachuu ragaan Ministeera Magaalaa fi Bu'uuraalee Misoomarraa argame ni muul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015