Magaalaa Sabbataatti sakatta'iinsa tasaa taasifameen yuunifoormii qaamolee nageenyaafi meeshaaleen waraanaa to'atame.

57

Sadaasa 3/2014(TOI)- Yuunifoornii Raayyaa Ittisa Biyyaa kan duraanii, kan magaalaa Finfinnee haaraafi Naannoolee garaa garaa mana dhunfaa obbo Sayiid Imaam jedhamutti qindoomina qaamoolee nageenyaa magaalichaa, Federaalaafi eeruu ummataatin to'atame.

Haaluma kanaan yuunifoormii 465, jaakkeetti 14 reenjarii raayyaa ittisa biyyaa duraanii 6gonfoo Raayyaa ittisa biyyaa 7, shamiizii poolisii Finfinnee 4, gonfoo poolisii Finfinnee 54, gonfoo polisii Amaaraa 55, ulee pooliisii 25 fi uffanni qaamolee nageenyaa gosa garaa garaa hedduun to'atameera.

Haaluma wal fakkaatuun, meeshaaleen waraanaa qabamuu isaa qajeelchii poolisii Bulchiinsa Magaalaa Sabbataa beeksiiseera.

Ammas ummanni bakka jirutti dammaqinaan naannoo isaa eeguun shikkii qabus qaamolee nageenyaaf eeruu kennuu qaba.

Maddi:- BDhKO

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015