Rooyters labsii yeroo ariifachiisaa ilaalchisee odeeffannoo sobaa tamsaasaa jira-Qulqulleessa Ragaa Haala Yeroo

52

Finfinnee, Sadaasa 3/2014 (TOI)- Rooyters labsii yeroo ariifachiisaa ilaalchisee odeeffannoo sobaa tamsaasaa jira jechuun Qulqulleessi Ragaa Haala Yeroo beeksiseera.

Labsiin yeroo kun saba fi sabalmmoonni waraqaa lammiilee Ityoophiyaa ta’uusaanii ibsu qabatanii socho’u ni dhorkaa jechuun gabaasni Rooyters baasee sobaa jechuun ibsameera.

Labsiin yeroo arifachiisaa kun lammiileen waraqaa eenyummaa mana hojii, waraqaa eeyyammaa konkolaachisummaa fi Paasspoortii qabatanii akka argamaan kan ibsamee yoo ta’u, kan hundaarrattis haalli sabummaa ibsuun dirqamsiisuu akka hin jirrees ibsameera.

Keessaahuu Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad gara aangootti dhufuu isaanii hordofee bulchiisonni magaalaa hedduun waraqaa eenyummaarratti dirqama sabummaa ibsuu akka hambisaan ta’uu Qulqulleessi Ragaa Haala Yeroo ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015