Naannoo Oromiyaatti Talaalliin kooviid-19 namoota miliyoona 2.6f ni kennama-- Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa

78

Sadaasa 3/2014(TOI)- Naannoo Oromiyaatti talaalliin kooviid-19 namoota miliyoona 2.6f kennuuf akka ta’e biiroon eegumsa Fayyaa Oromiyaa beeksise.

Naannoo Oromiyaatti duula talaallii kooviid-19 adeemsifamuuf karoorfame irratti hundaa'uun leenjii ogeeyyii midiyaaleef kennamaa jira.

Leenjii kanarratti I/A/hoogganaa biiroo eegumsa Fayyaa Oromiyaa kan ta'an obbo Abarraa Botoree argamuun akka dubbatanitti talaallii kooviid-19 naannoo Oromiyaatti namoota miiliyoona 2.6 kan kennamu yoo ta’u, namoota umurii 18 ol ta'aniif Sadaasa 13-22/2014tti kan kennamu ta'uu ibsaniiru.

Ijoollee umuriin isaanii waggaa 12 oliifis gosti talaallii Pfizer (faayizer) jedhamu waan qophaa'eef duula talaallii gaggeeffamu kanaan kan fudhatan ta'uu beeksisaniiru.

Milkaa'insa talaallichaaf qaamoleen hundi tumsa barbaachisaa ta'e gochuu akka qabanis dhaamaniiru.

Vaayirasiin kooviid_19 dhibee yeroo ammaa kana lubbuu hedduu galaafataa jiru waan ta'eef ummanni dandeettii of irraa ittisuu qaama isaa cimsachuuf bakkeewwan talaalliichi itti kennamu dhaabbilee fayyaa, dhaabbilee barnootaafi bakka addaa talaallichaaf qophaa'e hundatti argamuun talaalamuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Weerara Vaayirasichaan hanga gabaasni kun qindaa'e Sadaasa 1/2014tti akka Addunyaatti namoota 5,083,382, Itoophiyaatti namoota 6,561 yoo ta’u, akka naannoo Oromiyaatti immoo namoonni 994 lubbuun isaanii darbuu ragaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa irraa argame ibsuu isaa biiroon komunikeeshinii naannoo Oromoiyaa beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015