''Itiyoophiyaan rakkoolee kamuu keessayyu jiraattu misoomaa fi badhaadhina mirkaneessuuf duubatti hin jettu''

57

Sadaasa 2/2014(TOI) - Itiyoophiyaan rakkoolee kamuu keessa jiraattus misoomaa fi badhaadhina mirkaneessuuf duubatti akka hin deebine Ministirri Pilaanii fi Misoomaa doktar Fitsum Asaffaa ibasan.

Doktar Fitsum har’a Itiyiyoophiyaatti ambaasaaddara Niyuuzarlaand Mikaa’el aptenin waajjira isaaniitti simatanii waliin mari’ataniiru.

Marii kanaanis Itiyoophiyaa fi Niwuzarlaand bara mootii Hayilesillaaseerraa jalqabee walitti dhufeenya cimaa qabaachuu isaanii yaadataniiru.

Biyyoonni lamaan hojii qonnaa, daldalaa fi qorannoorratti walitti dhufeenya cimaa qabaachuu isaanii ibsaniiru.Waqtii qormaataa kana keessatti guddinni dinagdee galmaa’aa jiru kutannoo mootummaan misoomaaf qabu eeranii, Itiyoophiyaan haala kamuu keessatti guddina, misoomaa fi badhaadhina mirkaneessuuf duubatti akka hin deebine hubachiisaniiru.

Doktar Fitsum karoora waggaa 10 ilaalchisee ibsa kennaniifiru.

Ambaasaaddarri Mikaa’elii aptenin gama isaaniin deeggartuu misooma Itiyoophiyaa kan taate biyyi isaanii mootummaa Itiyoophiyaa waliin walgargaarsaan hojjechuuf kutaannoo qabdu ibsaniiru.

Biyyoonni lamaanuu dameewwan qonnaa, industirii, jijjiirama haala qilleensaa, qorannoo fi invastimantiin walgargaarsaan hojjechuuf waliigalaniiru.Dabalataan walitti dhufeenyaa daldalaa qaxanaarratti gara sadarkaa fooyya’aatti guddisuuf qaamolee ilaallatan idil addunyaa fi dhaabbilee biroo waliin akka hojjetan ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015