''ABUT bakkeewwan weeraraan qabatetti qabeenya birrii biiliyoona 279.5 mancaaseera''

62

Sadaasa 2/2014 (TOI) - Gareen shororkeessaa ABUT naannoo Amahaaraatti bakkeewwaan weeraraan qabeetti qabeenya birrii biiliyoona 279.5 ol mancaasuusaa Biiroon pilaanii fi Misoomaa naannichaa beeksise.

Hogganaan biirichaa obbo Annimuut Balaxee akka TOItti himanitti, garichi bakkeewwan weeraree qabatettii namaa fi qabeenyarraan balaa hedduu geesiseera.

Gareen shororkeessaa kun bakkeewwan weeraraan qabatetti lammiilee miiliyoona 6 ta'aan rakkoof saaxileera. Kanneen miiliyoona 1 ta'an immoo qe'eefi qabeenya isaanirraa akka buqqa'an taasiseera jedhaniiru.

Bu'uuraalee misoomaa kanneen akka barnootaa, Fayyaa, Bishaanii, Jallisiifi Daandii akkasuma dhaabbilee akka waajjira haqaa, Poolisiifi kanneen biroo immoo saamuun barbadeessera jedhaniiru.

Gareen kun lammilee nagaas jimlaan kan ajjeese ta'uu himuun,oomisha qonnaan bultootaafi beelladoota isaanis saamuu himaniiru.

Hoggaanaan birichaa akka himanitti rakkoon kun bakkeewwan gareen shororkeessaa kun weeraraan to'ateetti badiin kun qaqabuusaa kan mirkanaa'ee godinaalee adda addaatti kan argaman aanaalee 45 tti dhaabbilee tokko tokkoo isaanirratti gareen qoratu hundaa'ee qorachuuni jedhaniiru.

Qoarnnoon kunis bakkeewwan garichi yeroo muraasaaf weeraree ture humnoota nageenyaan adabamee gad dhiiseetti qofaatti yoo ta'u bakkeewwan gariichi ammas weeraree jiru hin hammatu jedhaniiru.

Damee fayyaarratti hospitaalota 1466, Buufata fayyaa fi Kellaa fayyaairratti haleella raawwatameen qabeenya birrii miiliyoona 2.2 maca'uu himaniiru.

Garichi miidhaa Kooleejjii Poolitekinikaa 6, Kooleejjii ogummaa fi Tekinikaa 17 geesiseen qabeenyaa birrii miiliyoona 2.3 mancaaseera.

Bu'araa misoomaa Daandii fi riqichoota irratti miidhaa geesiseen qabeenya birrii miiliyoona 2 ol ta'u mancaasuu obbo Annimuut hiamniiru.

Misoomaa jillisii irraattis miidhaa geesiseen qabeenyii birrii miiliyoona 1.2 ol ta'uu guutummaatti hojii ala taasiseera jedhaniiru.

Kanaa malees gareen shororkeessaa ABUT dhaabbilee akka Qonnaa, Aadaa fi Turizimii, bishaanii, Industirii fi Investimetii irraatti miidhaa hedduu geesisuu obbo Annimuut himaniiru.

Qoarannoo dheedhii aariitiin taasifameen haga ammaatti kan barame naannawwaa garichi weeraree qabateetti qabeenyaan birrii biiliyoonaa 279 fi miiliyoona 543 ol manca'uu Obbo Annimuut Balaxee himaniiru.

Maancaatii kanaanis lubbuun namaa kan darbee, miidhaan qamaafi xiinsammuu namarra kan gahee yoo ta'u sababaa kanaan hangi oomishitummaa xiqqaachuu himaniiru.

Qoranoon kun bakkeewwan miidhaan yeroo dhihootti irra gahee sirriitti yeroo qoratamuu miidhaa garichi geesisee kan kana caaluu ta'a jedhamee eegamas jedhaniiru.

Bakkeewwan weerartuu kana irraa kaafdametti dhaabilee manca'aan deebisanii dhaabuuf karooraan itti deemamaa jiraachuu himaniiru.

Akka obbo Annimuut himanitti miidhaa gareen kun geesisee kun yoo xiqqaate misooma naannichaa waggaa 10-20 duubatti harkisa jedhamee tilmama.

Gareen shororkeessaa ABUT kana caalaa miidhaa osoo hin geesisiin akkatuma amma jalqabameen garichaa balleessuun barbaachisa akka ta'e himaniiru.

Hojii deebisanii ijaaruu naannichi yeroo itti aanutti hojjeturratti dhaabbileen idil addunyaa,Mootummaan Federaalaa, Diyaaspooraa , dureeyyoonnii fi uummannii akka bal'inaan hirmaatan waamicha taasisaniiru.

Hogganaan itti aanaa Biiroo barnootaa naannoo Amahaaraa obbo Wandiwasaan Abbii akka himaniitti naannichatti bakkeewwan ABUT weerareetti manneen barnootaa 660 irra mancaatiin guutummaa guutuutti akkasuma gar tokkeen gaheera.

Miidhaa qaqabe kanaan baratoonnii miiliyoonaa 1.2 barnootaan ala kan ta'an yoo ta'uu barsiisonnii fi hojjetoonnii kuma 47 ta'anis hojiin ala ta'aniiru jedhaniiru.

Mallaqaan yoo ilaalamus birriin biiliyoona 3.3 ol kan muanca'uu himaniiru. Miidhaa qaqabe kan damdamachiisuuf dhaabbileen adda addaa, dureeyyoonni deeggarsa taasisaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015