Dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa hir’isuuf kutannoo fi tarkaanfiin qabatamaa biyyootaa dirqama ta’uun ibsame

181

Finfinnee Bitootessa 23/2011 Dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa hir’isuuf kutannoo fi tarkaanfiin qabatamaa biyyootaa dirqama ta’uun ibsame.

Kun kan ibsame guyyoota afuriif kan turuu tooftaa jijjiirama haala qilleensaa hawaasa hirmaachisuun ittisuu ilaalchisee kan mari’atu mariin qorannoon idil addunyaa har’a yemmuu jalqabamu komishinariin komishinii bosonaa fi jijjiirama haala qilleensaa Itiyoophiyaa piroofeesar Fiqaaduu Bayyanaa dubbii taasisaniini.

Bakka bu’oonni biyyoota guddataa  jiranii fi badhaadhan baay’een  akkasumas dhaabbileen gargaarsaa addunyaa hirmaatan irratti  piroofeesar Fiqaaduu Bayyanaa akka dubbatanitti rakkoo jijjiirama haala qilleensaa biyyoota akka Itiyoophiyaa guddachaa jiran irratti dhiibbaan geessisaa jiru jabaachaa dhufeera.

Yeroo ammaa kana Moozaambiik, Maalaawwii fi biyyoota guddataa jiran biroorratti balaan lolaa ga’aa jiru rakkoon jijjiirama haala qilleensaa sadarkaa yaaddessaarra ga’aa jiraachuu isaa kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.

“Biyyoonni guddachaa jiran rakkinicha ofii keenyaa ittisuu fi ittisuuf kutannoo qabaannee biyyoonni guddatan maallaqaa fi teekinooloojiidhaan akka nu deeggaran dhiibbaa uumuu qabna” jedhaniiru.

Biyyoonni guddachaa jiran wal deeggarsa hawaasa addunyaa biroo waliin qaban cimsuudhaan miidhaa jijjiiramni qilleensaa geessisaa jiru yoomiyyuu caalaa hojjechuu akka dandeenyu kutannoon jiraachuu qaba jedhaniiru.

Haala kanaan Itiyoophiyaan waggoota darbaniif  qajeelfama yeroo gabaabaa fi dheeraa garaagaraa kalaquun hojjechuunii fi dhiibbaa addunyawaa umuun ga’ee jajjabeessaa ba’aa/taphataa turuu ishee ibsaniiru.

Keessumaa naannawoota gogiinsi itti uumamu baankii nyaata loonii akka hundaa’u gochuudhaan, oomisha nyaata loonii jallisiidhaan babal’isuuf yaalii jalqabame kaasaniiru.

Kanumaan Itiyoophiyaan keessumaa horsiifatee bultoota irraa rakkoo balaaf saaxilamuu hir’isuunii fi akkaataa  haalli gaariin itti uumamu gama  mijeessuutiin biyyoota Afriikaa biroof  haala muuxannoo hirmaachisuu dandeessisu jabeeffatteetti jedhan.

“Rakkoo kana dandamachuuf kutannoo keenya guddisuun biyyoonni guddatan gargaarsa akka godhaniif dhiibbaa geessisuun dirqama nutti ta’a“ jedhan.

Yeroo ammaa kanaa Noorweeyiin dabalatee biyyoonni garaagaraa fi dhaabbileen gargaarsaa deeggarsa taasisaa jiraachuusaanii fi waadaa gala akka jiranis dubbataniiru.

Baankii Addunyaatti Daayirektarri olaanaa faalama qilleensaa dandamannaa Kiristiinaa Jorjiviyaa gama isaaniitiin dhimmi jijjiirama qilleensaa dhimma eenyuufuu dhiifamu otoo hin taane dhimma guutuu Addunyaa yaaddessuu qabudha jedhan.

Kanaafuu rakkoo kana dandamachuu fi ittisuuf biyyoonni mataasaaniin yaalii fi kutannoo akkasumas gargaarsi guutuu addunyaa ga’ee guddaa waan qabuuf cimuu qaba jechuun dubbataniiru.

Hirmaattonni qo’annichaa yeroo turtii isaaniitti dhiibbaa jijjiiramni haala qilleensaa geessisu ittisuuf biyyoonni yaalii gaarii kaasuun muuxannoo waljijjiiruu, biyyoonni gargaarsa kennan rakkicha dandamachuuf gargaarsa kennuu qaban irratti ni mari’atu jedhameera.