Naannoon Kibbaa naannoo haaraa hundeeffamuf jiru naannoo Ummattoota Kibba Lixa Itoophiyaa waliin walharkaa fuudhinsa aangoo taasiise

95

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2014 (TOI) - Naannoon Kibbaa naannoo haaraa naannicharraa adda bahee hundeeffamuuf jiru naannoo Ummattoota Kibba Lixa Itoophiyaa waliin walharkaa fuudhinsa aangoo taasiiseera.

Manni Maree Naannoo Kibbaa yaa’ii ariifachiisaa 1ffaa bara hojii 6ffaa gaggeesseen gabaasa gaaffii adeemsa naannoo ta’uu Ummattoota Kibba Lixa Itoophiyaa dhiyaaterratti erga mari’atee booda walharkaa fuudhinsi aangoo taasiifameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015