Jijjiirramni wareegama qaaliin dhufe garee finxaalleyyiin akka hin gufanne dargaggoonni haalan qabsaa’uu qabu – Aadde Adaanach

57

Finfinnee, Onkololeessa 22/2014 (TOI) – Balaa nutti aggaamame qolachuuf hoggansi sadarkaan jiruu fi ummanni gurmaa’uun, waldubbisuu fi tokkummaan biyyaa diigamurraa baraaruu akka qaban Kaantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee ibsan.

Kaantibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee hoggantoota olaanaa magaalicha waliin haala waqtaawaarratti mari’ataniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT fi ergamtoonni isaa Ityoophiyaa yoo nuti hin bulchine ni diiggamti, ni bittinnoofti kaayyoo jedhu qabatanii hojjechaa jiraachuu qaamni hundi hubachuu akka qaban hubachiisnaiiru.

Balaa biyya diiguu nutti aggaamame kana qolachuuf hoggansi hundi qindoominaan, waldubbisuu fi tokkummaan Ityoophiyaa diinaa hammaataa kanarraa baraaruu akka qaban Aadde Adaanach yaadachiisaniiru.

Bulchiinsi magaalaa fi jiraattoonni magaalichaa hundi Raayyaa Ittisaa fi qaamolee nageenyaa cinaa dhaabbachuun deeggarsa barbaachisu taasiisuu qabu jedhan.

Jijjiirramni wareegama olaanaan dhufe garee finxaalleyyiin akka hin gufanne dargaggoonni akkuma kanaan duraa raayyaa ittisaatti makamuun qabsaa’uu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Ummata hirmaachisuun bifa gurmaa’een ergamtoota garee shororkeessaa saaxiluun nageenya eegsiisuu cinaatti lammiilee sababa weeraraan qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’an deeggaraa hojiilee misoomaarratti xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaa ta’uu himuu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015