Barsiisoonni Yuunivarsiitii shanii yeroof gara Yuunivarsiitii birootti ramadamanii akka barsiisan murtaa'e

75

Onkololeessa 21/2014 (TOI) Barsiisoonni Yuunivarsiitii Maqalee, Aksum ,Addigiraat, Raayyaa fi Waldayaa barsiisaa turan yeroof gara Yuunivarsiitiwwaan birootti akka ramadamanii barsiisaan Ministeerri Barnootaa beekisise.

Ministeerichi karaa miidiyaa hawaasummaa isaa akka beekisisetti yuunivarsiitiwwaan kunneen sababaa rakkoo gareen shororkeessaa ABUT uumeen rakkoon baruufi barsiisuu isaan mudateera.

Kanaaf barsiisoonni yuunivarsiitiwwan kanneen barsiisaa turan gara yuunivarsiitiwwaan birootti yeroof ramadamanii akka barsiisan murteessuu beekiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015