Nageenyaa fi tokkummaa Itiyoophiyaa eegsisuuf itti gaafatamummaa lammiilee hundaati

Finfinnee Onkoloolessa 20/2014(TOI) Nageenyaa fi tokkummaa Itiyoophiyaa eegsisuuf itti gaafatamummaa lammiilee hundaa ta’uu abbootiin amantaa ibsan.

Walitti dhiyeenyi abbootii amantaa gidduu jiru waliigaltee biyyoolessaaf faayidaa olaanaa qabaachuun ibsameera.

Abboota amantaa TOI dubbise akka jedhanitti, uummanni waliin ta’uunii fi tokkummaa cimsuun ijaarsa biyyaaf waliin hojjechuu qabu.

Mana kiristiyaanaa ortodooksii tawaahidoo Itiyoophiyaatti abbootiin amantaa Malaaktsahaayi Baqqalaa Tasammaa akka jedhanitti, dhhaabileen amantaa nageenya biyyaa eeguu fi misooma dhugoomsuuf waliin hojjetaa jiru.

Dhaabbileen amantaa dimmoota biyyaarratti walitti dhufeenyaan hojjechuun isaanii waliigaltee biyyoolessaaf faayidaa olaanaa qaba jedhan.

Marii nageenyaa fi waldanda’uuilaalchisee mootummaan waltajjii mijeessuun walitti dhufeenya lammiilee gidduu jiru caalaatti cimsuuf hojjechuun irraa eegama jedhaniiru.

Nageenyi kan jalqabu ofirraa ta’uu ibsanii, nageenya biyyaa eegsisuuf tokkoo tokkoon lammii itti gaafatamummaa waan qabuuf ga’ee isaa ba’uu qaba jechuun waamicha dhiyeessaniiru.

‘’Biyyi kan guddattu yoo walgargaarre dha’’ kan jedhan immoo barsiisaa amantaa Isilaamaa kan ta’an sheeh Sayid Abdoo dha.
Misooma Itiyoophiyaa dhugoomsuuf uummannii fi mootummaan walittidhiyeenyaan hijjechuu akka qabu eeranii, ilaalcha dogoggoraa sirreessuun waliin biyya guddisuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Abbaan amantaa mana kiristiyaana Makaanayesuusii Wangeelaawwii Itiyoophiyaa luba Kabbadaa Ababaaw gama isaaniin akka ibsanitti uummanni tokkummaa isaa eegee akka socho’uuf ga’een gaggeessitoota amantaa murteessaa dha.

Yeroo ammaa dhaabbilee amantaa gidduu walitti dhiyeenyii fi waldargaarsi jiru hawaasa gidduutti waliigaltee fiduu kan dandeessisu dha jechuun hubachiisaniiru.

Dhaloota naamusa gaarii qabu uumuuf hunduu ga’ee isaa akka ba’u abbootiin amantaa kun waamicha dhiyeesaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015