Yuunivarsiitonni qulqullina barnoota mirkaneessuuf kan dandeessu tarkaanfiiwwaan furmaataa fudhachuu qabu

48

Onkoloolessa 18/2014(TOI) - Yuunivarsiitonni qulqullina barnootaa mirkaneessuuf kan dandeessu tarkaanfiiwwaan furmaataa akka fudhatan ministeerri barnootaa qajeelfama dabarseera.

Yuunivarsiitonni gaaffilee qulqullina barnootaan walqabatee ka’u deebisuu akka isaan dandeessisu qaawwaa qaban hatattamaan akka adda baasan ministirri barnootaa akeekkachiiseera.

Ministirri barnootaa pirofeesar Birhaanuu Naggaa hooggantoota ministeerichaa waliin mari’ataniiru.

Marii kanarratti rakkoo qulqullina barnootaa fooyyessuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabus ibsaniiru.

Dhaabbilee barnoota olaanoo fi adeemsa kenninsa barnootaa ammayyeessuuf mootummaan xiyyeeffannoo akka kennu pirofeesar Biraanuun mirkaneessaniiru.

Yunivarsiitootatti rakkooleen bulchiinsa gaarii fi bu’uraalee misoomaa akka jiran eeraniiru.Adeemsa hoj-maataa dhiibbaa mootummaarraa bilisa ta’e diriirsuuf hojjechuu akka qaban ibasuu isaanii odeeffannoonministeericharraa argame mul’iseera.

44

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015