Rakkoo waktawaa nu mudate tokkummaan wal gargaaruu fi wal deeggaruun ni dabarra.

63

Onkololeessa 17/2014 (TOI) Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee rakkoo waktawaa nu mudate tokkummaan wal gargaaruu fi wal deeggaruun bira ni dabarra jedhan.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee lammiilee Walloo qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’anii fi Godina Booranaa sababa hongee miidhamaniif deeggarsa taasiseera.

Sirna kanarratti haasaa kan taasisaan aadde Adaanech Abeebee Rakkoon amma nu mudatee jiru cimaa ta'us Itoophiyaanoonni tokkumaa keenyaan wal gargaaruu fi wal deeggaruun ni dabarra jedhaniiru.

Guyyaa har'aas naannoo Amahaaraa Walloo irraa sababaa garee shororkeessaa ABUT qe'ee fi qabeenya isaanirraa buqqa'anii fi naannoo Oromiyaa godina Booranaatti hanqina roobaan sn rakkataanif deeggarsa taasisuu himaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa lammiilee Walloo fi Godina Booranaaf deeggarsa taasise

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015