Hoggansi haaraa carraa hoggansaa argate hojiin hojjete kamuu bu'aa uummata hogganuuf buuseen kan madaalamu ta'uu, Pireezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dubbatan.

59

Onkoloolessa 17/2014(TOI) - Hoggansi haaraa carraa hoggansaa argate hojiin hojjete kamuu bu'aa uummata hogganuuf buuseen kan madaalamu ta'uu, Pireezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dubbatan.

Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa gamaaggama hojiilee Mootummaafi Paartii Sadarkaa Naannoo,Godinaaleefi Magaalotaa Kurmaana 1ffaa gaggeessaa jira.

Waltajjiin kun galma sadii kan qabu tahuu kan eeran Pireezidaant Shimallis, waggoottan sadan darban adeemsiifi gulaantaan hojii Mootummaa maal akka fakkaatu,kurmaana 1ffaa kana keessa hojiin gama misoomaa,nageenyaafi rakkoo bulchiinsa gaarii furuurratti hojjetamee fi yeroo itti aanu malirratti fuuleffatamee hojjetama kanneen jedhaman xiyyeeffannoon kan gamaaggamaman tahuu dubbataniiru.

Carraan arganne gara injifannoo caalmaatti ceesisuuf balbala kan nuuf saaqe tahuu beekuun, ittiin hojjennee hawwaasa keenya jijjiiruu qabnaa kan jedhan Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhina Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa,kaabiineen haaraa carraa hoggansa argatan karaa sirrii ta'een akka fayyadamuu qabaniifi Uummata amantaa guutuun gaaffiinsaa akka deebi’uuf imaanaa nutti kenname sirnaan tajaajiluu qabna jedhan.

Gamaaggamni hojiilee mootummaafi Paartii kun guyyoota lamaaf kan gaggeeffamu yoo ta'u, Hooggantoonni Mootummaa,Paartiifi Seekteroota Sadarkaa Naannoo,Godinaalee fi Magaalotaa irratti hirmaataniru.

Maddi : - BDHKMNO'ti

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015