Gamtichi hooggantoonni siyaasaa Sudaan akka gadhiifaman waamicha dhiyeesse

Onkoloolessa 15/2014(TOI) - Gamtaan Afriikaa haalli waqtaawaa Sudaanitti uumame guddaa akka isaan yaaddessee fi hooggantoonni siyaasaa akka gadhiifaman waamicha dhiyeesse.

Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Musaa Faakii Mahaammat dhimmoota bulchiinsa siiviilii fi loltuu gidduu jiru hatattamaan marii siyaasaanii fi golga heera mootummaan akka hiikamu gaafataniiru.

Biyyattii rakkoorraa baraaruu fi ce’umsaa dimokiraasiif marii fi waliigalteen murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Dura taa’aan gamtichaa Musaa Faakii Mahaammat haalli har’a Sudaanitti uumame yaaddessaa dha jechuun ibsaniiru.

Akka Musaa Faakii ibsanitti, hidhamuun muummee ministiraa Abdallaa Hamdookii fi abbootiin taayitaa biyyattii biroon kamuu caalaa isaan yaaddesseera.

Kanaaf hooggantoonni siyaasaa akka hiikamanii fi eegumsi namoomaa akka isaanii taasifamu waamicha dhiyeessuu isaanii odeeffannoon gamticharraa argame ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015