Holola sobaa garee shororkeessaa ABUT'tiin naannawwaan irraa dheessaniis ta'ee biyyi diigamtu hin jirtu.

86

Finfinnee, Onkololeessa 15/2014 (TOI) "Nun Itoophiyaannoonni osoo jirru holola sobaa garee shororkeessaa ABUT'tiin naannawwaan irraa dheessaniis ta'ee biyyi diigamtu hin jirtu'' jedhe Taphataan kubbaa miilla biyyaleessaa Itoophiyaa fi Kilabaa kubbaa miilla Quddus Goorgis duraaniif Biraanuu Fayyeera.

Taphaataan Piroofeshinaalaa kubbaa miillaa duraanii Biraanuu Fayyeeraa weerara gareen Shororkeessaa ABU biyya diiguuf raawwataa jiru qolachuuf adda waraanaa Walloorratti hirmaachaa jira.

Biraanuu Fayyeeraa dhaloonnii fi guddinni isaa magaalaa Dasee yoo ta'u, ijoolluumma isaarraa eegalee magaalaa kanatti hiryoota isaa waliin kubbaa bututtuu uffataarraa hojjetameen taphatee guddate.

Dandeetti tapha kubbaa miilla isaas guddifachuun sadarkaa garee biyyaaleessaa Itoophiyaa taphachuufi kilaba kubbaa miillaa quddus goorgisittiis taphachuu danda'eera.

Biraanuun kilaba Quddus goorsifi waggaa 10 kan taphate yoo ta'u, taphatoota milkaa'ina kilabichaa waliin maqaan isaanii ka'u keessaas tokko ta'eera.

Biraanuun yeroo ammaa weerara garee shororkeessaa ABUT qolachuuf waamichaa taasifamee hordofuun yeroo amma adda waraanaatti argama.Itoophiyaan kanneen ishee ganan balleesuun kan beekamtudha kan jedhu Biraanuun diina Itoophiyaa kan ta'e garee shororkeessaa ABUT balleesuuf qabsaa'uuf qopha'aa ta'uu himeera.

"Nun Itoophiyaannoonni osoo jirru holola sobaa garee shororkeessaa ABUT'tiin naannawwaan irraa dheessaniis ta'ee biyyi diigamtu hin jirtus'' jedheera.

Bilisummaan tolaa akka hin jirre hubachuun Dargaggoonni badii gareen shororkeessaa kun uummata nagaarran gahaa jiru dhaabsiisuuf qabsaa'uu qabus jedheera.

Hawaasnis holola soba gareen kun afarsuuf gurra kennuu dhiisee Raayyaa Ittisa Biyaa cinaa dhaabbachuu qaba jedheera.

Gareen shorkeessaa ABUT yeroo gabaabaa keessaa dhabamee yeroon ijoolleen Itoophiyaa misiraachoo jedhan dhihoo akka ta'ees akka amanuu himeera.

11

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015