Sudaanitti haga ammaatti hoggantoonni olaanoo biyyattii 10 humna waraanaan hidhamaniiru.

66

Finfinnee, Onkololeessa 15/2014 (TOI) - Sudaanitti haga ammaatti Ministira muummee biyyaatti Abdallaa Hamdook dabalatee hoggantoonni olaanoo biyyattii 10 hidhaa dhaabbi humna waraanaan biyyatti jala jiru.

Hoggantoota kanaan keessaas,

1. Ministeera Sab-Qunnamtii obbo Hashiim Hasabee'alrasuul

2. Ministeera Indaastirii obbo Ibraahiim Alsheekii

3. Ministeera Beeksisaa Hamzaa Baluul

4. Hogganaa dhimmoota kaabinee Ministeeroota obbo Kaalid Yuusuuf

5. Miseensaa hoggansaa mana maree cee'umsaa Obbo Mahaamad Alfakii

6. Hogganaa Paartii Kongireesii Sudaan Obbo Umar Addagibar

7. Hogganaa paartii Arab Tinsoo'oo obbo Alii Alraayahi Alsanihuur

8. Kantiibaa magaalaa Kaartum obbo Ayiman Nimiir

9. Dubbi himaa warraaksa dimookiraatawwaa obbo Jaafar Hasan faatu to'annaa jala oole jedhameera.

Waraanni Miseensa Manna maree birmadummaa Sudaan fi itti aanaa hogganaa mana maree raayyaa Ittisa biyyaa kan turan Mahaamad Hamdaan dagaaloo(Hamditti)n hoogganamu magaalaa Kaartummiiti bakkeewwan murteesooni akka eegaman ajajinni akka kenname hmameera.

33

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015