Jimmaatti Sooftiweeriin hojii ijaarsaa to'atu kalaqame

81

Finfinnee, Onkololeessa 14/2014 (TOI) - Ogeessi IT Jiraataan magaalaa Jimmaa Taammiraat Taangaan Sooftiweerii IT hojii ijaarsaa to'achuuf dandeessisu kalaquu ibsameera.

Sooftiweerichi sagantaa Kompiiyuutaraa 'Awuutoomeetiid Konistiraakshini Infoormeeshin Siistem' kan jedhamu ta'uu ibsameera.

Sooftiweerichi adeemsa sadarkaa ijaarsaa fi haala kaffaltii kan agarsiisu ta'uu Taammiraat Taangaan ibseera.

Ijaarsi yoom akka eegale, hangam akka ture, sadarkaa irra jiruu fi haalli kaffaltii maal akka fakkatu ragaa dhiyeessuu danda'a jedhame.

Proojektoonni harkifatan maaliif akka harkifatan, sadarkaan ijaarsa fi haalli kaffaltii kan wal hin madaalle yoo ta'e gaaffii dhiyeessuuf gargaara jedhameera.

Sooftiweerichi Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa fi Afaan Ingiliziin kan hojjetu ta'uu ibsameera.

Waa'ee hojii ijaarsaa, haala caalbaasii baasuu, carraa hojii uumuu, rakkoolee muudataniif gabaasa guutuu kan laatu ta'uu ibsameera.

Sooftiweeriin kalaqamuun hanqina damichaan jiru kan furu ta'uu fi hojiilee ijaarsaa kamiiyyuu haala salphaan humnaa fi yeroo qusachuun to'achuuf kan gargaaru ta'uu Daayreekterri Abbaa Taayitaa ijaarsaa Godina Jimmaa obbo Naasir Muusaan dubbataniiru.

Waajjirri qabeenya kalaqa sammuu Ityoophiyaa abbaa kalaqichaaf waraqaa ragaa mirga abbaa qabeebyaa kalaqaa laachuufii himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015