Haaleellaa qilleensaa Maqaleetti raawwate ilaalchisee midiiyaaleen tokko tokkoo soba humni shororkeessaa TPLF dhageessisaa jiru irra deebi’uun hololaa jiru jedhame.

188

Onkololeessa 14/2014(TOI)- Haleella qilleensarraa ilaalchisee miidiyaaleen tokko tokkoo olola sobaa gareen shororkeessaa TPLF ‘lammiileen nagaafi dhaabbileen barnootaa rukutaman’’ jedhu irra deebi’aa jiraachuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Humni Qilleensaa Itoophiyaa giddugala leenjii garee shororkeessaa TPLF kan naannoo Tigraayi magaalaa Maqaleetti argamu humna qilleensaan rukutuun ni yaadatama.

Guyya sana xiyyaaronni deeggarsa namoomaa dhiyyeessan kan dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii ta’an lama, kan Mootummaan Itoophiyaa hayyama kenneef Maqalee qubachuu akka hin dandeenye,to’attoota tiraafika qilleensaa naannichatti argamanitti himamuun gara Finfinneetti deebi’uun qubateera.

Dubbi himaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Isteefaani Duujarikaan akka himanitti,xiyyaaronni kunneen Mootummaa hayyama argatanillee to’attoota Maqaleen akka hin qubanne itti himame akka deebi’an taasifameera.

Kuni akkuma jirutti ta’ee garuu, miidiyaaleen tokko tokkoo dhugaa dabsuun,xiyyaaronni Maqalee akka hin qubanne kan taasifameef sababa haleella qilleensa taasifamuun akka ta’ee gabaasaa jiraachuu Ministeerri Dhimma Alaa ibseera.

Ministeerichi ibsa baasen haleella qilleensarraa ilaalchisee miidiyaaleen tokko tokkoo olola sobaa gareen shororkeessaa TPLF ‘’lammiileen nagaafi dhaabbileen barnootaa rukutaman’’ jedhu irra deebi’aa jiraachuu hubachiiseera.

Humni qilleensaa Itoophiyaa haleella raawwachaa kan jiru of eggannoo olaanaan iddoowwan filataman qofatti akka ta’ee kan ibse Ministeerichi,giddugalli leenjii garee shororkeessaa TPLF xiyyeeffannoosaa akka ta’ees ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015