Oomisha biyya keessaa ja’aaf sadarkaan ba’uufi

73


Finfinnee Bitootessa 20/2011 ejensiin sadarkaawwan Itiyoophiyaa oomishawwan biyya keessaa ja’aaf sadarkaa kennuuf boqonnaa dhumaarra akka jiru ibse.

Oomishawwan sadarkaan qophaa’aafii jiru kunneen barbaree, shiroo, daadhii ,bassoo, akaayii fi mi’eessituu ittoo dha.

Ejensii sadarkawwan Itiyoophiyaatti daayirektarri qopheessaa sadarkaa obbo Yilmaa Mangistuu Tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf akka ibsanitti oomishawwan biyya keessaa kanaaf sadarkaa baasuuf qophiin sanadaa, marii fi laaboraatooriin mirkaneessuuf yeroo dheeraa fudhateera.

Akka obbo Yilmaan jedhanitti sadarkaan kun kan qophaa’e ka’umsa sanadichaarratti qaama ilaallatu waliin mariin taasifamee sadarkaa laaboraatooriin mirkaneessuurra jira.

Oomishaaleen kun biyya keessatti bal’inaan faayidaarra kan oolan keessaa waan ta’aniif dabalataan biyyoota Addunyaa garaagaraatti ergamaa jiru.

Fakkeenyaaf Itiyoophiyaanonni daadhii alatti wayita ergan lamiileen biyyota fudhatanii hanga alkoolii of keessaa qabu, qabiyyeewwan of keessaa qabuu fi fayyaaf mijataa ta’uusaa waan mirkaneessu gaafatu.

Dabalataan  nyaatawwan aadaa Itoophiyaa ittoo lukkuu dabalatee gara alaa ergamaa kan jiru yoo ta’uu, qabiyyee isaan ofkeessaa qaban mirkaneessuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Sadarkaan kun kan ba’uuf gaaffilee kana deebisuu fi biyya beeksisuuf fayyada.

Biyya keessas ta’e barsiifataan shiroo, daadhii fi naannoolee beekaman biroo kan eeraman yoo ta’u, karaa ammayyaawaa laaboraatooriin sakatta’uun sadarkaa sirrii ni kaa’amaaf.

Sadarkaa kana kennuuf oomishaaleen kun qabiyyee sirrii ofkeessaa akka qaban mirkaneessuuf isa dhumaa laaboraatooriiwwan beekamtii qabaniin sakatta’insi godhamaa jiras jedhaniru daayirektarichi.

Itiyoophiyaa keessatti yeroo garaagaraatti barbaree fi oomishawwan nyaataaf oolan biroo waliin darbee darbee wantoonni barbaachisoo hin taane yeroo itti dabalaman ni hubatama kan jedhan daayirekterichi, sadarkaan kennamu barbaree qulqulluun sadarkaa maal guutuu akka qabuu fi waan barbaachisaa hin taane itti dabalame kan jedhamu yoo maal ta’e dha kan jedhu adda baasuuf gargaara.

Sadarkicha baasuuf baankii addunyaarraa hojiiwwan sadarkaa biroo dabalatee gargaarsa miiliyoona 50 argameen hojjetamaa kan jiru ta’uusaa hubachiisaniiru.

Yeroo ammaa kana bu’aan sakatta’insa laaboraatoorii eegamaa kan jiru yoo ta’u yeroo xumuramu ifa ta’a jedhan.

Oomisha biyya keessaa ka’umsi sanadaa fi ulaagaa qulqullinaa qabaatanii yeroo itti aanutti guddachaa kan deemanii fi oomishni Itiyoophiyaa akkasumas nageenya ummataa eegsisuuf wabiin kan itti kennamudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015