Nageenya naannoo Gambeellaa eegsisuuf humna nageenyaa cimsuuf hojjetamaa jira

69

Onkololeessa 13/2014 (TOI)- Naannoo Gambeellaattii yakkoota keessaa fi daangaa darbee ittisuun nageenya eegsisuuf hojiin humna nageenyaa cimsuu gaggeeffamaa akka jiru biiroon dhimmoota nageenyaa naannichaa beeksise.

Naannichi daangaa bal’aa qabaachuun wal qabatee rakkoolee nageenyaa keessaa fi daangaan alaa ittisuuf qophii taasiseera.

Itti aanaan itti gaafatamaa biirichaa obbo Utow Ukot Tajaajila Oduu Itoophiyaatti himanitti, keessumaa ji’a gannaa hordofuun saamtonni daanga ce'anii Sudaan kibbaa gosa warra Mursee kanneen daddabarsa meeshaa waraanaa seeraan alaa rakkoo nageenyaa fiduu danda’an ittisuuf hojjetamaa jira.

Kaayyoo badii ergamaan garee shororkeessaa ABUT fi Shanee kan ta’e Adda Biilsa baasaa Ummata Gambeellaa(ABUG) jechuun kan of waamu fashaleessuufis akka ta’e himaniiru.

Nageenya naannichaa cimsuuf miseensota humna addaa fi poolisoota leenjisuuf filataa akka jiranis ibsaniiru.

Horsise bultoonni daanga ce'anii ji’oota itti aanan irraa eegalee daangaa naannichaarra darbanii seenuun lafa abbaa qabeenyaa, paarkii biyyoolessa Gaambeellaa fi lafa margaa hawaasa naannawaa sanaarratti rakkoo geessisuu danda’an ittisuuf ammaa jalqabee aanolee naannichatti argaman waliin qindoominaan hojjetaa jirra jedhan.

Meeshaalee waraanaa seeraan ala daddabarsuun kanneen biroorratti rakkoo uumuu waan danda’aniif ammumaa eegalee akka hin seenneef to’annoo cimaan taasifamaa jiraachuus dubbataniiru obbo Utow Ukot.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015