Qaamoolee riphee lolaa ta’uun nagaa uummataa booreessan hundeerraa buqqisuf qaamni nageenyaa Oromiyaa humna guutuun hojiitti akka galu qaba - Komishinarri Araarsaa Mardaasaa

239

Onkolooleessa 13/2014(TOI)- Qaamoolee riphee lolaa ta’uun nagaa uummataa booreessan hundeerraa buqqisuufi nageenya naannichaa mirkaneessuuf, qaamni nageenyaa Oromiyaa humna guutuun hojiitti akka galu Komishinarri jeneraalaa Komishinii Poolisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasaa hubachiisan.

Kolleejji Poolisii Oromiyaatti, Inistituuyitiin Leenjii Idileefi Ogummaa Poolisii Sanqallee, miseensoota poolisii farra riphee lolaa leenjisaa ture, bakka hoggantoonni naannoofi godinaa argamanitti eebbise.

Leenjifamtoonni kunneen kanaan dura muuxannoo hojii nageenyaa kabachiisurratti kan qaban yoo ta’u, dabalataan leenjii ogummaa cimsu toftaa loltummaa, itti fayyadama meeshaa waraanaa, leenjii jabeenya qaamaafi barnoota hubannoo kan argatan ta’u Daarektarri Inistituuyitichaa Komaandar Taarikuu Sorsaa himaniiru.

Kaayyoon leenjichaa komii ummanni yaaddoo nageenyaa isa mudate akka furamuuf gaafachaa jiru deebisuuf, bifa haaraan humna poolisii farra riphee lolaa gurmeessuufi leenjisuun akka barbaachise himaniru.

Yeroo gabaabaa keessattis nageenya uummataa mirkaneessuun fuula isaa gara misoomaatti akka deebisu taasisuuf humna qophaa’e ta’uus himaniru.

Miseensoota poolisii ebbifaman kunneen muuxannoo uummata tajaajiluu kanneen qaban ta’u, riphee loltoota balleessuuf farra riphee lolaa bifa ammayyaan gurmaa’een kan leenji’e ta’u isaa
Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Poolisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasaa himan.

Dabalataaniis humni kun shanee safuufi saffeeffanaa malee qonnaan bulaafi maatii hiyyeessaa dararaa jiru balleessuuf, ergama isaa fudhatee kan hojiitti galu ta’uus himaniru.

Kanamlees, qaamoolee riphee lolaa ta’uun nagaa uummataa booreessan hundeerraa buqqisuufi nageenya naannichaa mirkaneessuuf, qaamni nageenyaa Oromiyaa humna guutuun hojiitti akka galu Komishinarri jeneraalaa Komishinii Poolisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasaa hubachiisan.

Maddi:- OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015