Ministeerri Qonnaa nyaata horii birri miiliyoona 18 oltti tilmamamuu baasu Godina Booranaatti ilaamlichisa jira.

95

Onkoloolessa 13/2014(TOI) - Ministeerri Qonnaa Rakkoo hongee godina booranaa mudateen balaa belladarra gahaa jiru furuuf nyaata horii birri miiliyoona 18 oltti tilmamamuu bitame Godina Booranaatti ilaamlichisa jira.

Ministeerichi marga nyaata beelladaaf oolu boondaa kuma 77 gara godinichaatti imaalichisaa jirachuu himaniiru.

Ministeerichatti qindeessaan sagantaa misooma beelladaa fi Qurxummii biyyaaleessa dooktar Toomaas Charinnatti akka jedhanitti, hongeen godina Booranatti mudatee beellada hedduu miidhaa jira.

Godinichi qabeenyaa beellada baay'ee kan qabu fi beelladoota gabaa biyya alaaf dhihaatan keessaas beelladoota godina kanaa himaniiru.

Rakkoon qabeenya kanarra gahaa jiru Horsiisee bultoota godinichaas ta'ee biyya kan miidhudha jedhaniiru.

Rakkoo kana salphisuuf kan gargaaruu nyaata horii boondaa kuma 77 Mojoo, Hoolotaa fi Oolancitiifi Sabataatti qopheesuun har'a gara godinichaatti erguu himaniiru.

Godina Booranatti hongeen aanaalee 11 tti beellada miidhaa jira. Rakkoo kan salphisuuf kan gargaaru nyaata horii birrii miiliyoona 18 baasu bituun gara godinichaatti ilaalichifamaa jira.

Beelladoota haga ammaatti sababaa hongeen miidhama kana deebisanii bayyanachiisuuf kan oolu nyaata dabalataa qaama isaanii ijaaru gara kumataala kuma sadiis garasitti erguu himaniiru.

Yaala fayyaas akka argataniif ogeesota fayyaa beellada qorannoo taasisuu garasitti erguu himaniiru.

Deeggarsa kana Biiroo Qonnaa Oromiyatti kan kennan Deetaan Ministira Qonnaa Doktar Fiqruu Raggasaa, kanaan duras deeggarsa margaa horii muraasa, loon miidhamaniif dhaqabsiisuu himanii, deeggarsi ammaa kun loowwaan horsiisee bultoota miidhaan irra gahee dandamachiisuuf oola jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015