Manni Maree Naannoo Hararii yaa’ii idilee jalqabaa waggaa 1ffaa gaggeessaa jirun muudamoota adda addaa kennera

67

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2014 (TOI) – Manni Maree Naannoo Hararii yaa’ii idilee jalqabaa waggaa 1ffaa gaggeessaa jira.

Yaa'ii kanaan obbo Sulxaan Abduusalaam Af Yaa’ii Mana Marichaa taasiisuun filateera.

Obbo Ariif Mahaammad ammoo itti aanaa Af Yaa’ii naannichaa ta’uun filatamaniiru.

Obbo Oordiin Badiriin Preezdaantii naannoo Hararii ta’uun muudaman

Yaa'ichii Obbo Oordiin Badirii Preezdaantii naannichaa taasiisuun moggaaseera.

Obbo Oordiin Badriin Preezdaantii naannichaa ta’uun ummata tajaajiluuf waadaa galaniiru.

Obbo Ordiin Badriin waggoota sadan darbaniif Preezdaantii mootummaa naannoo Hararii ta’uun tajaajilaa turuu isaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni muul'isa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015