Uummanni Tigiraayi akkuma Itiyoophiyaanota biroo seenaa biyya ijaaruu isaa eeguun garee shororkeessaa ABUT balaaleffachuu qaba

154

Onkoloolessa 12/2014(TOI)- Uummanni Tigiraayi akkuma Itiyoophiyaanota biroo seenaa boonsaa biyya ijaaruu isaa eeguun garee shororkeessaa ABUT balaaleffachuu akka qabu ibsame.

Hooggantoonni waajjira paartii badhaadhina Tigiraayi dhalattoota Tigiraayi magaalaa Gaambeellaa jiraatan waliin haala yeroorratti mari’ataniiru.

Waajjirichatti itti gaafatamaan damee dhaabichaa obbo Gabretsaadiq Gabremadihin waqtii kana akka jedhanitti gareen shororkeessaa ABUT Itiyoophiyaan diigaa jedhee uummataa fi biyyarratti badii raawwachaa jira.

Ummanni Tigiraayi yaada shororkeessaa kanaan utuu hin goyyomfamiin akkuma Itiyoophiyaanota biroo seenaa boonsaa biyyasaa ijaaruu eeguu akka qabu eeraniiru.

‘’Itiyoophiyaan yoo jiraatte qofa dha birmadummaan uummata Tigiraayi kan jiraatu, rakkoon yoo jiraate mariin furuun ni danda’ama’’ jedhaniiru.

Uuummanni Tigiraayi hojii badaa garee shororkeessaa ABUT hubachuun badii raawwataa jiru balaleeffachuu akka qaban eeraniiru.

Naannoo Gaambeellaatti itti waamamaan mootummaa obbo Lakedar Lakbak marii kanarratti akka dubbatanitti gareen shororkeessichaa tokkummaa fi walqixxummaa uummataa hin fudhatu.‘’Ammas rakkoo kaayyoo biyya diiguu furuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba’’ jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015