Hawaasni lootee seentoota garee shororkeessaa ABUT saaxiluun naannoo isaa dammaqinaan eeggachuu cimsee akka itti fufu waamichi dhiyaate

66

Finfinnee, Onkololeessa 12/2014 (TOI) – Gareen Shororkeessaa ABUT magaalaa Daseetti badii hedduu raawwachuuf karoorfatee socho’aa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiise.

Garichi karoorri magaalaa Daseerratti baafate moo’atamuu isaa kan muul’isu ta’uu himeera.

Hawaasni gochaa badii garichaa biyya diiguuf karoorfate hubachuun shira isaa fashaleessuu akka qabu ibsameera.

Magaalaa Daseetti humni waraanaa hedduun jiraachuu danda’a sodaa jedhuun lootee seentoota fayyadamuun sarara ibsaa kutuun humna nageenyaa naannawaa magaalaa Dasee jirurra miidhaa diinagdee fi hawaasummaa qaqqabsiisuuf socho’aa jiraachuu ragaaleen muul’isan jiraachuu himameera.

Ragaalee fi suurawwan sobaa hedduminaan facaasuun hamilee humna nageenyaa dadhabsiisuuf karoora qabatee socho’aa jiraachuu mirkanaa’uu ibsameera.

Kaayyoon olaanaan garee kanaa biyya shororkeessuu ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibsa baaseen himeera.

Ummanni Naannoo Amaaraa fi Itoophiyaannoonni hundi karoora gareen shororkeessaa kun miidhaa diingadee fi hawaasummaa qaqqabsiisuuf baafatee socho’aa jiru hubachuun lootee seentoota kanneen saaxiluun naannoo isaa dammaqinaan eeggachuu cimsee akka itti fufu mootummaan waamicha dhiyeessuu Tajaajilli Kominikeeshinii mootummaa ibsdeera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015