Yuunivarsiitiin Madda walaabuu barnoota 18 digirii lammaffaa fi sadaffaan haaraa eegaluu beeksise.

138

Finfinnee, Onkololeessa 11/2014(TOI)- Yuunivarsiitiin Madda Walaabuu tajaajila barnootaa kennaa jiru daran babal’isuuf gosa barnoota adda addaa 18 digirii 2ffaa fi 3ffaan barsiisuu jalqabuu beeksiseera.

Sagantaaleen barnootaa haarawa eegalaman kanneen gabayaa irratti barbaadamaniif bu’aan biyyoolessumaa isaanii xiinxalaman tahuunis ibsameera.

Yuunivarsiitichi sagantaalee barnootaa babal’isuun cinaatti hawaasatti dhihaatee barnoota kennuuf wiirtuulee barnootaa shaashamannee,Dodola,Gindhiir,Dalloo mannaafi Agaarfatti barsiisaa jiraachuu ibseera.

Yuunivarsiitichatti Itti Aanaa Pireziidaantii dhimmoota baruuf barsiisuu Dr. Bazzaabih wandimmuu Tajaajila Oduu Itoophiyaatti akka himanitti yuunivarsiitichi sirna baruufi barsiisuu kennaa jiru dhaqabamaa taasisuuf babal’iinsa sagantaalee barnootaa irraatti xiyyeefatee hojjachaa jira.

Sagantaaleen barnootaa dabalataa 18 diigrii lammaaf saddaffaatiin eegaluuf barattoota galmeessaa jiranis agarsiiftuu tattaaffii kanaati jedhan.

Keessattuu sagantaaleen barnootaa diigrii dokitireetiitiin eegalaman afran barnoota dhaqabamaa dhiheennatti kennuun cinaatti adeemsaaf sadarkaa barnoota yuunivarsiitichaa kan fooyyessu tahuus eeran.

Sagantaaleen barnootaa haarawa banaman kunniin itti fufiinsa akka qabaataniif hayyoota yuunivarsiitichaa dabalatee beeytonni yuunivarsiitota biyyaa muuxannoo qaban affeerruun sirna barnootaa akka xiinxalan taasifamuus himan.

Barnoonni bara haarawaas pirotokoola koronaa haala jiddu galeessa godhateen akka kennamuuf carraaqqiin taasifamuu kan himan Dr. Bazzaabbih keessattuu barattoonni yeroo dubbisan akka walitti hin baay’anneef manneen kitaabaa gara garaa qophaahuus himan.

Manneen kitaabaa soneessuun cinaatti kitaabota kuma 70,000 tahan kara diigitaalaatiin barattoonni dubbisanii itti fayyadamuu akka dandahaniif haalli mijataan uumamuus dubbatan.

Yuunivarsiitichi sirna baruuf barsiisuu bara haarawaatiif haal -dureewwan akka mana kitaabaa,dareelee barnootaaf haal mijoo barnootaaf tahan hunda taasisuun simisteera lammaffaa eegaluuf qophii xumuruus eeran.

Bu’uruma kanaan barnoonni seemisteera lammaffaa eegaluuf barattoonni sadaasa 4-5 tti kan waamaman yoo tahu sadaasni 7 bara 2014 ammoo guyyaa jalqabaa kan barnoonni itti eegalu tahuus Dr. Bazzaabbih kan himan.

Qiindeesitoonni manneen kitaabaatiif kiliinika yuunivarsiitichaa yaada kennaniin haal dureen barattoota simatanii barsiisuuf danddeesisu mijachuuf kanneen hafan dhaawaataan guutamaa jiraachuu eeranii jiru.

Bara 1999 tti sirna baruuf barsiisuu kan eegale yuunivarsiitiin Madda Walaabuu yeroo ammaa barattoota kuma 25,000 ol tahan sagantaalee gara garaatin simatee barsiisaa kan jiru tahuu ragaan yuunivarsiiticharraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015