Haleellaa nurratti baname qolachuuf furmaanni gurmaa’uudha- Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa

64

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2014 (TOI)- Haleellaa nurratti baname qolachuuf furmaanni gurmaa’uudha jedhe Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa.

Torban darbe irraa kaasee gareen shororkeessaa ABUT humna qabu hundatti fayyadamuun naannolee Amaaraa fi Affaar irratti haleellaa raawwachuusaa ibsameera.

Haleellaa kanaanis lammiilee nagaa hedduu ajjeesuu, qabeenya saamuu fi sochiin hawaasummaa fi diinagdee akka dhaabbatu gochuu ibseera.

Lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsi namoomaa akka hin qaqqabne taasisuu fi piroppogaandaa sobaa akka meeshaa ijootti fayyadamaa jiraachuu ibsameera.

Raayyaan Ittisa Biyyaa, humni addaa Amaaraa fi Affaar uummata waliin ta’uun haala boonsaa ta’een qolachaa kan jiran ta’uu eerameera.

Keessumaa Wucaalee, Tahuladaree, Warra Baabboo, Dalaantaa fi Cifraatti garichi waraana banuu fi qamni nageenyaa uummata waliin ta’uun garee weeraraa fi loote seentota gootummaan qolachaa jira jedhameera.

Sochii garee shororkeessaa kana qolachuuf uummanni Walloo Kibbaa fi Affaar keessumaa dargaggoonni sochii taasisaa jiran kan dinqisiifatamu ta’uu ibsameera.

Humna nageenyaaf gaachana ta’uurraa kaasee lootee seentota bakkeewwan garaagaraatti qabuun qabsoo seenaan hin daganne taasisaa jiraachuu ibsameera.

Diinni injifannoo uummataa kana cilee dibuun akka waan to’annaa jala oolcheetti prooppogaandaa sobaa afarsaa jiraachuu eerameera.

Uummanni prooppogaandaa sobaa kanaan akka hin jeeqamnee fi qabsoo biyya ceesisuu eegale haala gurmaa’eenii fi naannoo isaa dammaqinaan eeguu qaba jedhame.

Hawaasni naannoo waraanaan ala jiru hanga ammaatti taasisaa ture duula seena qabeessa kanaaf deeggarsaa fi gaachana ta’uu isaa akka itti fufu mootummaan waamicha taasisa jedhameera.

Humna faallaa adeemsa waraana idileen dhufe jilbeenfachiisuun kan danda’amu sochii uummataa gurmaa’een ta’uus ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015