‘’Hojjettoota deeggarsa namoomaa garee shororkeessaa TPLF’n miidhaan irra gahaa jira"- Jeef Piirsi

Onkololeessa 11/2014(TOI)- ‘’Hojjettoota deeggarsa namoomaa garee shororkeessaa TPLF’n miidhaan irra gahaa jira"- Jeef Piirsi

Lammiileen Itiyoophiyaa dhaabbilee mootummaa gamtoomaniifi kan biroo keessa hojjatan naannoo Tigraayi keessatti garee shororkeessaa TPLF’n miidhawwaan garagaraa irra gahaa kan jiru ta’uu, xinxalaan siyaasaa Jeef Piriis hime.

Maddoonni Jeef Piirsi akka agarsiisanitti, lammiileen Itiyoophiyaa naannoolee garagararraa deemanii dhaabbaticha keessa dhaabbiifi kontiraatan hojjachaa jiran miidhawwaan tuffachuu,reebuu,hidhuufi miidhawwaan qaamaafi xin-sammuu irra gahaa jiraatus hoggantonni dhaabbatichaa naannoo Tigraayi jiran dhimmicha hoggantoota olaanoofis ta’ee ummataaf ifa baasuu hin barbaanne.

Hojjattoonni tokko tokkoo garee shororkeessaa kanan ukkamfamanii turanis hoggantoonni dhaabbilee kanneenii dhimmicha callisuun ilaalaa akka jiranis himameera.

Hoggantonni dhaabbilee mootummoota gamtoomanii miidhaa hojjattoota dhaabbaticharraa gahuu callisuun bira darbaa jiraachuu maddoonni amanamoon kunneen dhaabbanni hojjattoota isaa eeguu hin dandeenye akkamiin kan biroo oolcha jechuunis gaafataniiru.

Dhimma keessoo biyyaa giddugaluun garee shororkeessaa TPLF’f deeggarsa taasisaa kan turan hojjattoonni dhaabbata Biyyoota gamtoomanii torba,wanta Itiyoophiyaa keessatti raawwatamaa jiru agarsiisuuf gahaa ta’uu maddoota wabeeffachuun Jeef Piriis barreeffamasaa keessatti ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015