Dhalatoonni Itiyoophiyaa Ameerikaa jiraatan lammiilee garee shororkeessaa ABUT’n buqqa’aniif doolaaraa kuma 190 ol deeggarsa taasisan

56

Onkoloolessa 11/2014(TOI) Dhalatoonni Itiyoophiyaa Ameerikaa naannolee Deenvar, Awuroraa fi naannooshee jiraatan lammiilee sababa shororkeessaa ABUT’n buqqa’aniif doolaaraa kuma 190 ol deeggarsa taasisan.

Ameerikaatti Itiyoophiyaanonni Deenvarii fi Awurorana jiraatan Beey Eryaatti aanuun deeggarsa olaanaa 2ffaa taasisuun isaanii Ameerikaatti Ambaasaaddar guutuu ambaasaaddar Fitsum Araggaa beeksisan.

Akka ambaasaddarichi ibsanitti, gareen shororkeessa ABUT miidhaa geessiseen lammiilee buqqa’aniif doolaara Ameerikaa kuma 190 ol deeggarsa taasisaniiru.

Ameerikaatti deeggarsi lammiirraa lammiif ta’u dabalaa jiraachuu fi naannolee biroottis deeggarsa taasisuuf qophiirra akka jiru ambaasaaddar Fitsum himaniiru.

Ambaasaaddar Fitsum qophiin deeggarsichaa akka milkaa’uuf qaamolee ga’ee olaanaa ba’aniif, Artist Tasfaayee Simaa fi namoota deeggarsa kana arjooman galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015