Qonnaan bulaaf horsiisee bulaan bishaanii naannoo isaatti argamutti dhimma bahuun wabii midhaan nyaataatiin akka of dandahuuf xiyyeefannoon hojjatamaa jiraachuun himame.

61

Roobee, Onkololeessa 10/2014(TOI)-Godina Baaleetti paampiiwwan bishaanii hojii jallisiitiif oolan 220 waldaalee 120'f dabarfamuu isaa Waajjirri Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Godinichaa beeksise.

Sirna dabarsa paampii kanarratti Itti Gaafatamaan waajjira qonnaaf qabeenya uumamaa Godina Baalee obboo Aliyyii Muhammad akka jedhanitti mootummaan naannichaa qonnaan bulaaf horsiisee bulaan bishaanii naannoo isaaniitti argamuutti dhimma bahuun wabii midhaan nyaataatiin akka of dangahaniif xiyyeefatee hojjachaa jira jedhan.

Paampiiwwanii liqii yeroo dheeraatiin qonnaan bultootaa godinichaatiif raabsamanis agarsiiftuma carraaqqii kanaa tahuu dubbatan.

Paampii ittiin bishaan harkisuun jallisiin kudraaf mudraa akkasumas midhaan gabaa irratti barbaadaman oomishuuf tajaajilu kanarraa qonnaan bulaaf horsiisee bulaan 900 tti siiqu fayyadamaa taha jedhamee kan eegamu tahuus obboo Aliyyiin himanii jiru.

Sirnicharratti kan argaman bulchaan Godina Baalee obboo Abdulhakiim Aliyyii gama isaaniitiin raabsaan paampii kun Karoora tarsiima’aa mootummaan naannichaa qamadii biyya alaatii gala ture oomisha biyyaatiin bakka buusuuf taasisaa jiru milkeessuu keessatti shoora ol’aanaa qaba jedhan.

Waldaaleen carraa mootummaan mijeessetti dhimma bahuun of jijjiirurra dabranii mul’ata akka biyyaatti qabame akka dhugoomuuf akka tumsan dhaamaniiru.

Waldaaleen qonnaan bultoota gama isaaniitiin carraa mootummaan nuu mijeesse hojii jallisii bifa aadaatiin geeggessaa turre hammayyeessuun of jijjiiruuf tumsa guddaa nuuf taha jedhan.

Godina Baaleetti jallisii boneetiin lafa hektaara 10,500 misoomsuuf karoorfamee hojjatamaa jiraachuusaa ragaan Waajjira Qonnaafi Qabeenya Uumamaa godinichaa irraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015