Ijiipti dabalate biyyoota baha Galaana Meeditraaniyaanitti kirkirri lafaa cimaan muudate.

83

Onkolooleessa 09/2014(TOI) - Biyyoota akka Ijiipti, Giriikifi Saaybirasi dabalate biyyoota baha Galaana Meeditraaniyaanitti kirkira lafaa cimaan akka isaan muudate himame.

Reektar iskeeli 6 ol kan galmaa’e kirkirri lafaa kun biyyoota hedduutti muudachuusaa odeeffannoon Giddugala Kirkira lafaa Meeditraaniyaani Awuurooppaa irraa argame ni mul’isa.

Akka odeeffanno Sarveeyi Ji’ooloojikaalaa Ameerikaatti ammo magaaloota Ijiipti dabalate Libaanoon Magaalaa Beeyruut, naannawa daangaa Israa’eel, Girikiifi Paalistiyaanitti kirkirri lafaa kun muudateera.

Kibba Tarkii naanno Antaaliyaamittis bakki biro kirkirri lafaa itti muudate yoo taatu, kirkira lafaa kanaanis hanga ammaatti miidhaan namaafi qabeenyarratti gahe akka hinbeekamne Aljeeziraan gabaaseera.

Torban sadiin asitti dhiheenya Magaalaa Giriiki, Ateensitti kirkira lafaa muudateen namni tokko lubbu wayita dhabu, qabeenyarratti miidhaan gahuusaa ni beekama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015