CAF Istaadiyeemin Bahaardaar Taphoota Intarnaashinaalaa akka hin keessummeessine jechuun qoqqobbii irra kaa'ee.

90

Onkoloolessa 9/2014(TOI) - CAF Istaadiyeemin Bahaardaar Taphoota Intarnaashinaalaa akka hin keessummeessine jechuun qoqqobbii irra kaa'ee.

Yeroo ammaa taphoota gulaallii waancaa addunyaafi waancaa konfedereshinii Afrikaa keessummeessaa kan jiru Istaadiyeemiin kun ulaagaa Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa waan hin guunneef CAF akka dhorke Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa beeksisera.

Tibbana ogeessaasaa gara Itoophiyaa erguun istaadiyoomota biyyattiin qabdu gamaaggamaa kan ture CAF Istaadiyeemiin Bahaardaar rakkoowwaan kannen ifaa, teessoo deeggartootaafi keessummootaa, galma miidiyaa, interneetii, kutaa dhiqannaa qaamaa, kutaa qorannoo farra qoricha humna dabalataafi kanneenbiroo hin qabu jechuun istaadiyeemii kanarra qoqqobbii kaa’eera.

Ogeessa CAF ta’uun istaadiyeemoota gamagamaa kan turan Mohammad Seedaat istaadiyeemii Bahardaariin alatti istaadiyeemii Yunvarsiitii Jimmaa fi Abbabaa Biqilaa kan daawwatan yoo ta’u, istaadiyeemiin Yunivarsiitii Jimmaa hanqinoota jiran yoo furate fuuldura taphoota internaashinaalaa qopheessuu ni danda’a jedhaniiru.

Istaadiyeemiin Abbabaa Biqilaa ammoo taphoota garee dubartootaafi dargaggootaa keessummeessuu akka danda’u eerameera.Istaadiyeemii Bahaardaar dabalatee Istaadiyeemiiwwan Itoophiyaan qabdu taphoota gulaallii waancaa Addunyaa, Chaampiyoonis Liigii fi Konfedeereeshinii Afrikaa keessummeessuu akka hin dandeenye murtii darbe kun kan agarsiisu.

Itoophiyaan Tapha Gulaallii Waancaa Addunyaa Gaanaa waliin dirree ofiirratti qabdu Istaadiyeemii biyya alaatti taphachuuf dirqamti.

CAF tapha kanaa istaadiyeemii Itiyoophiyaa filatte akka beeksistu, kuni yoo hin taane dirree Gaanaatti akka taphatamu ajajeera.

Madda:-Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015