Yuunivasiitiin Kotobee baratoota gosa barnoota adda addaa sadarkaa add addaan barsiisaa 2526 eebise.

52

Onkoloolessa 06/2013(TO) -Yunvarsiitiin Kotobee Barattoota sagantaa dippiloomaa, digirii jalqabaafi digirii 2ffaan barsiisaa ture barattoota kuma 2fi 526 eebbise.

Kanneen har'aa eebbifaman kun barnoota idilee, yeroo galgalaa, sanbataafi dilbata, akkasumas kan yeroo ganna barsiisaa turedha.

Baratoota yuunivarsiitichi eebbise keessaa 1 285 dhiira yoo ta'an kanneen hafaan 1241 immoo dubartoota jedhameera.

Sirna eebbaa kanarratti walitti qabaan boordii yuunivarsiiticha obbo Abbaa Duulaa Gammadaa, dubbi himaa ministeera dhimma alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii fi keessummoonni biroon argamniiru.

Yuunivarsiitiin Meetiriipooliitan Kotobee maqaan isaa gara Yuunivarsiitii barnootaa Kotobeetti akka jijjiramu murtaa'uun isaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015