Naannoo Oromiyaatti lafti heektarri miiliyoona 3.4 kilaasteraan misoomeera.

65

Onkololeessa 6/2014(TOI) -Naannoo Oromiyaatti lafti heektarri miiliyoona 3.4 kilaasteraan misoomuu Pireezidaantiin naannichaa obbo Shimallis Abdiisaa himan.

Itti aanaa Ministira muummee fi ministira dhimma alaa Obbo Dammaqaa Mokonniin dabalatee jilli ministiroota biroo of keessa qabu godina shawaa bahaatti oomisha qonnaa daawwachaa jiru.

Haga ammaatti aanaa Adaa'atti oomisha Xaafii fi Abukaadoo kilaasteraan oomishamee daawwataniiru.

Pirezidaanit Shimallis Abdisaa daawwannaa kanarratti akka dubbatanitti, naannichatti xiyyeeffannoo oomisha qonnaaf kennameen lafa heektaara miiliyoona 6.3 Kilaasteraan qotamuu danda'u keessaa lafti heekataara miiliyoona 3.4 qotameera.

Naannichii kanaan dura bara 2013/14tti lafa heektaara miiliyoona 3.5 ol kilaasteraan oomishuuf akka jiru Tajaajilli Oduu Itoophiyaa gabaase ture.

Waggoota sadan darbaan laftii kilaasteraan oomishinni irratti oomishamaa ture heektaraa kuma 300 ta'uu kan himan obbo Shimallis yeroo ammaa kana garuu gara lafa heektaara 3.4 ol guddisuun akka danda'amee hiamniru

Oomisha jallisiniis Paampiwwan bishaanii 15 qonnaan bultootaf dhiheesuun laftii heekatara kuma 200 jallisiin akka misoomu taasifamuu himaniiru

Gara fuula duraattis xiyyeeffannoon oomisha qonnaaf kennuun oomishinii kun gabaa biyya alaaf dhihaachuu haala danda'amuuratti ciminaan ni hojjetama jedhaniiru.

Qonnaan bultoonni oyiruun isaanii dawwatames akka dubbataniitti deeggarsa mootumman taasisafiin oomisha kanaan dura argachaa turan caalaa argachaa jiraachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015