Yaadni furmaataa tibbana Gamtaan Awurrooppaa dhiyeesse madaalawa kan hin taaneefi fudhatama kan hin qabne

60

Onkoloolessa 05/2014(TOI)-Yaadni furmaataa tibbana Gamtaan Awurrooppaa dhiyeesse madaalawa kan hin taaneefi fudhatama kan hin qabnedha jedhan Itti aanaa Ministira Muummeefi Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa obbo Dammaqaa Mokonniin.

Ministirri Dhimma Alaa Silooveeniyaa Anzhee Loogaar waliin bilbilaan kan mari’atan obboo Dammaqaa Mokonniin haala yeroo Itoophiyaafi haala dhaqqabiinsa deeggarsa namoomaa Naannoo Tigraay akkasumas hojilee hojjetamaa jiran ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Garee shororkeessaan TPLF haleellaa Naannoo Amaaraafi Affaaritti raawwaten jireenyi lammiile nagaafi qabeenyi barbaada’uu ibsaniiru.

Garee shororkeessaan kun konkolaattoota fe’isaa deeggarsa namoomaa fe’anii Naannoo Tigraayi galan 420 achiin hambisuun tajaajila loltummaaf itti fayyadama jiraachuus himaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa sababa hojjeettota Dhaabbata Biyyoota Gamtoomni 7 biyyaa akka bahan taasiseef obbo Dammaqaa Mokonniin ibsaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Silooveeniyaa Anzhee Loogaar gama isaaniin ibsa obbo Dammaqaa Mokonniin taasisaniif galateeffachuun; Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Awurrooppaa ammaa ta’uu isaaniin walqabatee haalli mirgaa namoomaafi waliitti bu’iinsi Itoophiyaa keessaa jiru kan isaan yaaddeessu ta’uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015