Namni dhuunfa maallaqa biyya alaa kuma 7 ol karaa seeraan alaa qabattee socho’aa turte to’annaa jala oolte - ENA Afaan Oromoo
Namni dhuunfa maallaqa biyya alaa kuma 7 ol karaa seeraan alaa qabattee socho’aa turte to’annaa jala oolte

Finfinnee, Onkololeessa 4/2014 (TOI)- Namni dhuunfa maallaqa biyya alaa kuma 7 ol karaa seeraan alaa qabattee socho’aa turte to’annaa jala ooluu poolisiin magaalaa Finfinnee beeksise.
Shakkamtuun kun guyyaa har’a naannoo sa’atii 8:00 kutaa bulchiinsa magaalaa Eekkaa aanaa 08 bakkaa adda Guurdi Shoolaa jedhamutti osoo baabura yaabbachuuf jettuu Yuuroo kuma 7 ol waliin to’annaa jala ooluu ibsameera.
Shakkamtuun kun dhalootaan Ityoophiyaa yoo taatu lammummaan ishii Faransaayii ta’uudhee ibsameera.
Maallaqa Alaa seeraan hanga eeyyamameen ol qabattee argamuu ishees ibseera.
Shakkamtuun kun wayita gara biyyaatti galtu maallaqa alaa qabattee jirtu galmeessisuun akka irra turee fi kan osoo hin raawwatiin waan hafteef seeraan kan gaafatamtu ta’uu poolisii magaalaa Finfinneetti dameen qorannoo yakkaa fi balaa tiraafikaa beeksisuu ragaan poolisii magaalichaarraa argame ni muul’isa.