Bulichiinsinni magaalichaa ogeeyyoota fayyaa 40 kan duula birmadummaa biyyaarratti gargaarsa ogummaa kennan geggeesse.

45

Onkoloolessa 3/2014 (TOI) - Bulichiinsinni magaalaa Finfinnee Raayyaa Ittisa Biyyaa fi humnoota nageenyaa birmadummaa biyya kabachiisuurra jiraniif ogeeyyoota fayyaa deeggarsa ogummaa kennan 40 gara addichaatti erge.

Bulichiinsi magaalichaa ogeeyyii fayyaa Hospitaaloota adda addarraa walitti dhufan kan gargaarsa ogummaa laataan kana yeroo 7ffaaf gara adda waraanaa kanatti geggeesse.

Kanneen yeroo ammaa geggeessan taasifamefis Hogganaan biiroo fayyaa Bulchiinsa magaalaa Finfinnee dooktar Yohaannis Caalaa fi itti aanaa hogganaa biirichaa dooktar Mulugeetaa Indaalee akkasuma miseensoonni bulchiinsa biirichaa ogeeyyii fayyaa kanaaf geggeessaniiru.

Duula birmadummaa biyyaa kabachiisuu irratti gahee ogummaa isaanii ogeyyoonni fayyaa bahaa akka jiran dooktar Yohaannis Caalaa himaniiru.

Dookta Yohaannis ogeeyyii fayyaa hojii ogummaan isaanii gaafatuun birmadummaa biyyaa kabachiisuu keessaatti gahee isaanii bahuuf jiran kanneen galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015