Bulchiinsi Ejansii Tika-Nageenya odeeffannoo jiraattota Naannoo Amaaraa sababa weerara garee shororkeessaa ABUT'n qe’eesaaniirra buqqa’aaniif deeggarsa taasise.

128

Finfinnee,Onkolooleessa 02/2014(TOI) - Bulchiinsi Ejansii Tika-Nageenya Odeeffannoo jiraattota Naannoo Amaaraa sababa weerara garee shororkeessaa ABUT'n qe’eesaaniirra buqqa’aniif Birri miiliyoona 15 deeggarsa taasiseera.

Gareen shororokeessichi weerara raawwateen lammiilee nagaa Naannooleen Amaaraa fi Affaar jiraatan irratti ajjeechaa raawwateera; qe'eefi qabeenya isaaniirraa buqqaaseera.

Haaluma walfakkaatuun Bulchiinsichi torban darbee naannoo Affaaritti lammiilee sababa weerara garee shororkeessaa ABUT'n qe’ee fi qabeenyasaaniirraa buqqa’aniif Birrii miiliyoona 5 deeggarsa taasisuu ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015