Itoophiyaatti bara 2013 qofa yaaliin haleellaa saayiberii 2800 taasifameera. - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaatti bara 2013 qofa yaaliin haleellaa saayiberii 2800 taasifameera.

Onkololeessa 1/2014 (TOI) - Itoophiyaatti bara 2013 qofa dhaabbilee adda addaarratti yaaliin haleellaa saayiberii 2800 taasifamuu Daarektarri Olaanaa Ejensii Tika nageenya Odeeffannoo Biyyaaleessaa dooktar Shumatee Gizaawu himaniiru.
Nageenyaa saayiberii tiksuu fi damee kanarratti haleella raawwatamu ittisuun gahee lammilee hundaa akka ta'e dooktar Shumateen himaniiru.
Sadarkaa biyyaatti haga onkolooleessa 30tti guyyaan nageenyummaa saayiberii biyyaalessaa mata duree “ nageenya saayibariif itti gaafatamummaa waloo haa beeknu, haa eeggannu” jedhuun har'a kabajamuu eegaleera.Daarektarri olaanaa Ejensichaa Dooktar Shumatee Gizawuu sirna kabajaa kanarratti akka himanitti, Nageenyummaa saayiberii irratti hubannoo gahaa horachuun yoo karaa sirriin itti fayyadamuun hafee birmadummaa biyyaa irratti rakkoo uumuu danda'a jedhaniiru.
Itoophiyaan yeroo lammaffaaf hidha haaromsaa guddicha bishaan guutuun, Filannoo biyyaaleessaa karaa nagaan geggeessuu isheen, Hojii olaantummaa seeraa kabachiisuuf Kaaba biyyattitti fudhatameen wal qabatee yaaliin haleellaa saayibeeri baay'achuu himaniiru.
Akka fakkenyattis bara 2013 qofa yaaliin haleellaa saayiberii 2800 taasifamuu himaniiru.

Ministirri barnoota Piroofesaar Biraanuu Naggaa gama isaanii akka jedhanitti, nageenya saayibeef ogeeggannoon cimaan yoo hin taasifamu ta'ee dhaabbilee fi biyyaarran dhiibba hamaan gahuu danda'a jedhaniiru.
Kanaaf haleellaa Saayibeerii ittisuuf kanneen gahumsa qabanii fi sirna hojiimata cimaa akka jiratuuf hubannoo gahaa uumuun barbaachisaa ta'uu himaniiru.
Sadarkaa addunyaatti bara 2020tti sababaa haleellaa saayiberiin kisaaraan doolaraa Ameerikaa tiriliyoona 2.5 qaqqabeera.
Bara 2021 immoo sababaadhuma kanaan kisaaraan doolaraa tiriliyoonaa 6 olii ni qaqaba jedhamee tilmaamaa jira.

Guyyaan nageenya saayibeerii sadarkaa addunyaatti yeroo 18ffaaf, sadarkaa Itoophiyaatti immoo yeroo 2ffaaf kabajamaa jira.