Murteen Uummataa Naannoo tahu Kibba Lixaa Itoophiyaarratti kenname sagalee miliyoona 1.2 oli naannoo haa taanu kan jedhu argate. - ENA Afaan Oromoo
Murteen Uummataa Naannoo tahu Kibba Lixaa Itoophiyaarratti kenname sagalee miliyoona 1.2 oli naannoo haa taanu kan jedhu argate.
68
Fulbaana 29/2014(TOI)-Murteen uummataa Kibba Lixaa Itoophiyaa sagalee miliyoona 1.2 oli naannoo haa taanu kan jedhu argachuu Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa beeksise.
Waliitti qabaa Itti aanaan boordichaa obbo Wuubshat Ayyalaa, bu’aa filannoo ilaalchise ibsa kennaniru.
Ibsa isaanitinis murteen uummataa Kibba Lixaa Itoophiyaa sagalee miliyoona 1.2 oli naannoo haa taanu kan jedhuuf kennu himaniru.
Murte uummataan filattoonni kuma 24 ammo naannoo Kibbaa jalatti turuuf filachuun sagalee kennus himaniru.
Boordichis, bu’aa murtee uummataa argame kana Mana Maree Fedeereshiniif ni dhiheessaa jedhaniru.