TOI dhaabbata maxxansaa Tsahaay waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteesse.

104

Fulbaana 28/2014 (TOI) - Tajaajjilli Oduu Itoophiyaa(TOI)fi dhaabbanni maxxansaa Tsahaay waliin hojjechuuf waliigaltee mallattessan.

Waliigaltichas hojii geggeessan olaanaa TOI obbo Seeyifee Darribee fi hundeessaa fi abbaan qabeenyaa dhaabbata Maxxansaa Tsahaay Obboo Eeliyaas Wandimuu mallatteessaniiru.

Waliigalteen mallatteeffame kun ijaarsaa biyyaarratti qindoomanii akka hojjetaniif kan gargaarudha jedhameera.

Waliigalticha kan mallatteessaa hundeessaa fi abbaan qabeenyaa Dhaabbata maxxansaa Tsahaay obbo Eeliyaas Wandimuu akka dubbatanitti Tajaajilli Oduu Itoophiyaa seenaa Miidiyaalee Itoophiyaa keessaatti dhaabbata umurii dheeraa qabuufi damichaarrattis muuxxannoo gaarii kan horateedha jedhaniiru.

Haalaa waliigaltichaan hojii Tajaajia Oduu Itoophiyaa biyya alaa qaqqasiisuu fi odeeffannoowwan biyya alaa dhaabbatichaan gahuuf riqichaa ta'anii akan hojjetaan ta'uu himaniiru.

Walitti dhufeenya dhaabbilee lamaan jidduu jirus cimsuun hojii kana caaluuf akka qopheessu himaniiru.

Waliigaltichi Hawaasni Diyaaspoora Itoophiyaarra oduu sobaa ofamaa jiru qolachuuf sochii godhaa jiru karaa qindaa'een akka deeggarus himaniiru.

Maqaa gaarii Itoophiyaa beeksisuufis ni gargaara jedhaniiru.Hoji geggeessaan olaanaa Tajaajila Oduu Itoophiyaa obbo Seeyfee Darribee gama isaaniin akka jedhanitti, ergaman dhaabbata maxxansaa Tsahaay ergaa Tajaajila Oduu Itoophiyaa waliin walitti dhufeenya qaba.

Dhaabbanni maxxansaa kun hojii ijaarsa biyya irratti bali'inaan hiramaachaa akka jiru himanii, kallatti kanaan hojii ijaarsa biyya TOI hojjechaa jiru caalaatti akka babaal'atu kan gargaaru himaniiru.

Dhaabbileen lamanuu qinda'aanii yoo hojjetan hojii Dippilomaasii Itoophiyaa kan gargaraan ta'uus himaniiru.

Keessaattu hojii duula sobaa Biyyoonni lixaa tokko tokko Itoophiyaarratti banaan odeeffannoon qolachuuf waliigaltichi gargaarsa guddaa taasisa jedhaniiru.Waliigaltichi jijiirama biyyattiitti jalqabamee utubuun Itoophiyan akka bu'aa buufattus ni taasisa jedhaniiru Obbo Seeyfeen.

Dhaabbanni Maxxansaa Tsahaay dhaabbata biyya Ameerikaatti argamudha.

Dhaabbanni kun Kitaaboota seenaa, Aadaa fi safuu Itoophiyaa calaqisiisaan maxxaansuun kan rabsuufi dhimmoota ijarsaa biyyaaf fayidaa qaban biroos dhaabbata hojjetudha.

Tajaajilli Oduu Itoophiyaa immo Itoophiyaatti dhaabbata tokkicha Ejensii tajaajila oduu kennudha. Dhaabbanni kun waajjira muummichaa isaa dabalatee sadarkaa biyaatti dameewwan 40'n oduufi sagantaalee biroo miidiyaalee biyya keessaa fi alaaf dhiheessaa jrudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015