Itoophiyaatti bakkeewwan kenniinsa tajaajilaa kaartaa diijitaalaa Googil irratti galmeessuuf hojjetamaa jira jedhame

101

Finfinnee, Fulbaana 28/2014 (TOI)- Itoophiyaatti bakkeewwan kenniinsa tajaajilaa kaartaa diijitaalaa Googil irratti galmeessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Ministirri Innooveeshinii fi Teekinooloojii Googlii fi dhaabbata “Afrikaa 118” jedhamu waliin ta’uun, leenjii galmeessa argama bakkaa kaartaa googilii irratti dhaabbilee Saayinsii, Teeknooloojii fi Infoormeeshin Teekinooloojii naannoleetiif kennaa jiraachuu ibsameera.

Leenjichi namoonni bakka kenniinsa tajaajilaa barbaadan haala salphaan argachuu kan isaan dandeessisu ta’uu himameera.

Galmeessi kun hojiilee karoora ce’umsa diijitaalaa Itoophiyaa milkeessuuf hojjetaman keessaa isa tokkodha jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015