Ministiroonni haaraa muudaman uummata waliin ta'uun rakkoo biyyaa furuu qabu.

63

Finfinnee, Fulbaana 27/2014 ( TOI) - Ministiroonni haaraan muudaman uummata waliin ta'uun rakkoo biyyaa furuu akka qaban kanneen Tajaajilli Oduuu Itoophiyaa dubbise himan.

Manni maree bakka bu'oota uummataa 6ffaa bara hojii 1ffaa yaa'ii addaa 1ffaa kaleessa taa'een Ministirootaa ministirri muummee FDRI dooktara Abiy Ahimad dhiheessaan 22 muudera.

TOI kana ilaalichisuun jiraatoota magaalaa Finfinnee dubbisee jira. Jiraatoonni TOI dubbisees ministiroonni muudaman kunnee uummata qindeessuun rakkoo biyya furuuf hojjechuu qabu jedhaniiru.

Ministiroonni kunnoo muuxaannoo fi beekumsa qaban fayyadamuun biyyaa fi uummata isaanii hiyyummaa keessaa baasuuf cimanii hojjechuu qabu jedhaniiru.

Jiraatoonni kunneen akka jedhanitti mootummaan Itoophiyaa hiyyummaa keessaa baasuun gara badhaadhinaatti ceesisuuf, akkasuma jidduu seentumma qamaa alaa ittisuun rakkoo keessoo biyyaa furuuf tattaaffi taasisaa jiru dinqisiifataniiru.

Ministirri Muummee FDRI dookta Abiy Ahimad ministiroota muudamaaf dhiiheessan beekumsa, gahumsaa, muuxannoo fi uummata tajaajiluuf fedhii isaan qaba jiddugaleessa godhachuun dhiheessunis akka gaariitti kan ilaalan ta'uu himaniiru.

Mootummaan dhimma biyyaarratti hunduu hirmaachuu qaba jedhee ijjennoo isaa qabataman agarsiisuu isaas akka gammadan himaniiru.

Morkatoonni paartilee siyasaas dhaabbilee akka hogganiif muudamuun isaanii Itoophiyaa keessaa aadaa siyaasaa gaariin ijaaramaa jiraachuu muli'isa jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015