Seeraan ala Poolisootaan Kan reebamtee turte Samiiraa Mohaammadiif hojiin kennameef

Finfinnee, Fulbaana 27/2014 (TOI)- Seeraan ala Poolisootaa namuusa hojii isaaniin ala hojjetaniin gochi reebichaa Kan irratti raawwate ture Samiiraa Mohaammad giddugala nyaataa 'Tasfaa Biraanitti' hojiin kennameefii hojii eegaluu ishee ibsameera.

Kutaa bulchiinsa Laaftootti poolisoota naamusa ogummaa isaanii dagataniin gochi reebichaa irra kan gahe Samiiraan kutaa bulchiinsa magaalichaatti namoota harka qalleeyyif tajaajila nyaata dhiyeessuu kan eegale giddugala nyaataa Tasfaa Biraanitti hojii dhaabbii jalqabuu ishee ibsameera.

Akkatuma Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebeen waadaa seenaniifiin guyyaa kaleessaa giddugalichatti argamuun waliigaltee hojii mallatteessuu ishee ragaan Seekretariyaat Pireesii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015