Ministiroonni haaraa muudaman hannaa fi kadhaa kan balfan ta’uu qabu - Ministira Muummee dooktar Abiy Ahimad

88

Finfinnee, Fulbaana 26/2014 (TOI)- Ministiroonni haaraa muudaman hannaa fi kadhaa kan balfan ta’uu akka qaban Ministrri Muummee FDRI dooktar Abiy Ahimad ibsaniiru.

Ministiroonni kunneen garaagarummaa siyaasaa, bakka dhalootaa, muuxxannoo hojii, ga’umsa, haammattummaa amantaa, fedhii tajaajiluu fi ulaagaalee biroo bu’uura taasiisuun filatamuu ibsaniiru.

Hundi keenya itti gaafatamummaa dachaa qabaachuu keenya hubachuun waliin badhaadhina biyyaaf hojechuu qabna jedhaniiru.

Dhaabbata hogganuu fi dhaabbata mormuun adda ta’uu ibsaniiru.Namoonni guyyaa har’aa muudaman hannaa fi kadhaa balleessuuf xiyyeeffannoo hojjechuu akka qaban ibsaniiru.

Hoggantoonni paartii Badhaadhinaa laphee fi Sammuu keenya banaa gochuun paartilee morkattootaa muudaman waliin qindoominaan hojjechuu qabna jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015