Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa har'a sa’aatii 3:30 irraa eegalee yaa’ii addaa ni taa'a.

76

Fulbaana 26/2014(TOI) - Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa yaa’ii adda 1ffaa marsaa 6ffaa waggaa 1ffaa har'a sa’aatii 3:30 irraa eegalee ni taa'a.

Yaa’ii taa'uu kanaaniis pireezedaantiin FDRI Saahilawaqri Zawdee Fulbaana 24, bara 2014 Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Mana Maree Federeshiniin yaa’ii idilee waloo taa'an irratti haasawa taasisan hordofee deeggarsi mooshinii ni dhaggeefatamaa.

Dabalataanis murtiin wixinee labsii rawwii hojii fi aangoo miseensoota hojii Mootummaa Fedeeraalaa qoratee ni raggaasa.

Dhumarrattis muudamni ministiroota raggaasifamuun yaa’iin adda kun akka xumuramu beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015