Lammiilee sababoota garaagaraan miidhamaniif deeggarsii taasifamaa jiru itti fufa

49

Finfinnee,Fulbaana 24/2014(TOI) Lammiilee sababoota garaagaraan miidhamaniif deeggarsii namoomaa taasifamaa jiru cimee akka itti fufu pirezidaant Saahilewarq Zawudee ibsan.

Sagantaan sirna baninsa waliinii mana mree federeeshinii fi bakka bu’oota uummataa 6ffaan gaggeeffamaa jira.

Pirezidaant Saahilewarq waqtii kana akka ibsanitti waggaa adarbe akka biyyaatti milkaa’inni gurguddaan akkuma galmaa’e gochi gaddisiisaanis raawwateera.

Shororkeessitoonni sirna heera mootummaa humnaan digsuun Itiyoophiyaa diiguuf badii raawwachuu isaanii eeranii, keessumaa waggoota kurnan lamaa ol darbanitti Kaaba Itiyoophiyaatti raayyaa ittisaarratti badii raawwachuun isaa kan yaadatamu dha jedhan.

Biyyattiitti bakkeewwan garaagaraatti humni badiin lammiilee nagaarratti gocha lubbuu balleessuu, qe’eerraa buqqaasuu fi qabeenya barbadeessaa akka ture hubachuu isaanii ibsaniiru.

Ta’us kabaja biyyaa birmadummaa isaaniif duubatti kan hin deebine Itioyoophiyaanonni, kaayyoo biyya diiguu diina alaa fi baandaa biyya keessaarratti ‘‘akka kanniisa gaagurrurri isaa tuqameetti tokkummaan ka’uun fashaleessaniiru’’ jechuun dubbatan.

Hawaasni biyyattii aarsaa kaffaluun har’as birmadummaa biyya isaa eegsisaa jira jedhan.

Lammiilee miidhamaniif deeggrsi namoomaa taasifamaa jiru cimee akka itti fufu eeranii, hojiin lammiilee buqqa’anii deebisaanii dhaabuus itti fufa jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015